Hebrews 12:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isin keessaa eennulle irraa badhaadhi Waaqaa akka hin dhidhanne, akkasuma hiddi hadhowaan isin keessatti latee akka isin hin rakkinnee fi worra hedduu akka hin xureessine ifi eeggadha'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegad'a, aka nami tokoleeni eeba Waaqa ind'amne. Eegad'a, aka nami tokoleeni mid'aani had'aa qabu tahe, nama heddu had'aa isatiini ingaargalchine.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka namii tokkolleen kennamsa naasuu Waaqaa hindhamne Eegadhaa. Akka namii tokkolleen midhaan hadhaa qabu tahee, nama hedduu hadhaa midhaan isaatiin hingaargalchine eegadhaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eennuun jalaallee Ayyaanni Rabbii akka hin dhidhanne, hiddi hadhaayaan namoota hedduu batteessu isin keessaa ol margee akka isin hin rakkifne, Ka adaba hin qabne akka isin keessatti hin argamne;
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eennuun jalaallee Ayyaanni Rabbii akka hin dhidhanne, hiddi hadhaayaan namoota hedduu batteessu isin keessaa ol margee akka isin hin rakkifne, Ka adaba hin qabne akka isin keessatti hin argamne,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin keessaa eennu'llee kennaan Waaqaa ka bilisaa akka itti hin dhidhanneef ufi eeggadhaa, akkuma kana yoma hiddi firiin hadhaayaa daraaru'llee jidduu keessantti akka hin baanee fi akka isin hin rakkifnne, namoota baayi'ee'llee akka isaan hin batteessineef, ufi eeggadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin keessaa eennulle irraa badhaadhi Waaqaa akka hin dhidhanne, akkasuma hiddi hadhowaan isin keessatti latee akka isin hin rakkinnee fi worra hedduu akka hin xureessine ifi eeggadha'a.