Hebrews 12:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Duuba irra Esaawu eebba dhaggatiisaaf yennaa barbaade, akka dhooggame isinuu hin beettan; boowaa eebba dhaggatiisaaf barbaadatulle, waan huje irraa deebi'iisaaf carraa hin dhagganne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi suni aka isani beetani Esauni eeba Abba ufi d'aalu fed'e, ammo isa didani. Wonti akanatiifi inni ato imimaaniini barbaadele, aka waan duri tolche garagalchu kara iti d'abe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkuma isanuu beettanii eegii sun, Esaawuun eebba ufii dhaalu fedhee, ammoo isa didan, akka waan durii tolche garagalchu, deebisee argachuuf boo'ee imimaaniin adoo barbaadeellee, herega ufii jijuuruuf karaa dhabe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayii hennaa eebba argachuu barbaade akka dhabe isinuu hin beettan. Hagamillee booyee Aagii soqe'eef hin arganne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayii eebba argachuu hennaa barbaade akka dhabe isinuu hin beettan. Hagamillee booyee Aagii soqe'eef hin arganne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maaii'llee Esaawu deebi'ee eebba fudhachu'uuf yeroo barbaaddetti, eebba kana akka dhoogatame ni beekittan, yoma booya'aa eebba san hisatee barbaade'llee, argachu'uuniif hin dandeenne. Gara Waaqaa deebi'uuf'llee carraa woyiituu hin arganne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Duuba irra Esaawu eebba dhaggatiisaaf yennaa barbaade, akka dhooggame isinuu hin beettan; bowaa eebba dhaggatiisaaf barbaadatulle, waan huje irraa deebi'iisaaf carraa hin dhagganne.