Hebrews 12:27 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Jechi, “Ani ammalle yennaa tokko” jedhu kun, wonni hin tachoone jabaatee akka le'u, wonni tacho'u yookiin wonni dadame akka badu mudhisa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dubbini, ammalle jettu suni aka waan lafa keesati uumani ch'ufa chochoosani buqisani agarsiifti, aka wonti inchochoone haftu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dubbiin “Ammallee” jettu sun akka waan lafa irratti uumaan cufa chochosan, buqisan garsiifti, akka wantii hinchochonne haftu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo jechi, «Hennaa tokko deebi'ee» jedhu worri hin raaffamne jabaatanii akka jiraatan wonti sochoosu yookaan wonti uumame akka badu mudhisa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo jechi, «Hennaa tokko deebi'ee» jedhu worri hin raaffamne jabaatanii akka jiraatan wonti sochoosu yookiin wonti uumame akka badu mudhisa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kun ka, «Yeroo tokko irra deebi'ee» dubbii jedhu ka muldhisu, wonittoonni hin sochoone jabaatanii akka jiraataniif ka socho'an yookiin wonittoonni uumaman, dhabamisiifamuu isaaniiti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jechi, «Ani ammalle yennaa tokko» jedhu kun, wonni hin tachoone jabaatee akka le'u, wonni tacho'u yookiin wonni dadame akka badu mudhisa.