Hebrews 13:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nuuti addee ciincaan itti ciinceffamu qanna; te'uu malee worri dunkaanii Yihudootaa san keessa tajaajilu akka addee ciincaan itti ciinceffamu irraa nyaatuuf hin eeyyamamu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qaaloleeni waaro Yahudi keesa hojattu hojja sorio teenna qalani d'uga d'ufte nyaattuni inqabdu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Qaalloolleen waaroo Yihudii keessa hojjatuu, sooriyoo teenna fulaa itti qalan suni fuutee nyaachuun hintaatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Nu hulee ciincaa itti ciinceeffannu hin qabna. Haa ta'uu ammo Worri daasee Yihuudotaa keessa tajaajilu, hulee ciincaan itti ciinceeffamu irraa nyaatuun dhoogga'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Nu hulee ciincaa itti ciinceffannu hin qabna. Haata'uu ammoo Worri dukkaanaa Yihuudotaa keessa tajaajilu, hulee ciincaan itti ciinceffamu irraa nyaatuun dhoogga'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Nu'u furdda ni qabnna, ta'u'llee dukkaanattii ka tajaajilan qeesonni, furdda kana irra ka jiru nyaata fudhatanii nyaachuun, isaaniif hin eeyyamamu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nuuti addee ciincaan itti ciinceffamu qanna; te'uu malee worri dunkaanii Yihudootaa san keessa tajaajilu akka addee ciincaan itti ciinceffamu irraa nyaatuuf hin eeyyamamu.