Hebrews 13:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Hayyichi guddichi Yihudootaa, dhiiga hori'ii ka araara cubbu'uu fidu qabatee addee woyyittii woyyootaa seena; foon horii sanii ammoo addee itti qubataneen alatti gubama.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qaallichi Guddaani Yahudi d'iiga hori Fulla Fulla Ch'ufa Ira Qulqullotiini d'ufa, aka maro dabaatiifi sorio baasu; ammo nafa hori suni alati gubani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Qaallichii Yihudii guddan akka marroo cubbutiif sooriyoo qalu dhufa, dhiiga horii suni fuudhee fulaa guddoo Qulqullootiin seena, ammoo foon horii sun qa'eetti guban.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hayyichi gadootaa ka waan cubbu'uutiif dhiiga hori'ii qabatee gara hulee maraa caalaa woyyitti'ii seena. Foon horii sanniinii ganda sanii baasanii guban.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hayyichi gadootaa ka waan cubbu'uutiif dhiiga hori'ii qabatee gara hulee maraa caalaa woyyitti'ii qabatee seena. Foon horii sanniinii ganda sanii baasanii guban.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti gaafatamaan qeesota Yihudotaa dhiifama cubbu'uu ka argamisiisu dhiiga beeyiladootaa qabatee gara bakka Qulqullittii Qulqullu'uu ni aseena, reeffi beeyiladootaa garuu qe'een alatti ni gubata,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hayyichi guddichi Yihudootaa, dhiiga hori'ii ka araara cubbu'uu fidu qabatee addee woyyittii woyyootaa seena; foon horii sanii ammoo addee itti qubataneen alatti gubama.