Hebrews 13:18 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nu'uuf daadimadha'a; nuuti karaa maraan waan dansaa hujiisaaf halchaa waan qannuuf, wodanaa qulqulluu akka qannu beenneerra.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja ch'ufa Waaqa nuu kad'ad'a. Nu imbeenna aka herega dansa qamnu, nu hojja ch'ufa waan dansa tolchu feena.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo cufa Waaqaa nuu kadhadhaa. Nu akka qalbii dansaa qamnu inbeennaa, nu yo cufa waan dansaa tolchuu feena.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbiin nuuf kadhadhaa'a; waan maraanuu waan mishaa huju'uuf hawwii waan qabnuuf yaada qulqulluu akka qabnu hubanneerra.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Nuu faateffadhaa'a; waan maraanuu waan mishaa huju'uuf hawwii waan qabnuuf yaada qulqulluu akka qabnu hubanneerra.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Nuuf kadhadhaa, sammuu qulqulluu akka qabnnu nu sirri'itti ni beekinna, karaa maraanuu amala misha'aan jiraachu'uuf ni hawwinaa,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nu'uuf daadimadha'a; nuuti karaa maraan waan dansaa hujiisaaf halchaa waan qannuuf, wodanaa qulqulluu akka qannu beenneerra.