Hebrews 13:23 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Obboleessi keenna Ximootewoosille mana hidha'aatii akka hiikame akka beettanu fedha. Yoo inni dafee as dhufe, isa woliin dhufee isin dhagga.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini aka oboleesi keenna Timotheoni hid'aansa keesaa bahe isani beesisu fed'a. Yo inni hurrise d'ufe, hojja gara keesani d'ufu wolumaani d'umna, aka wolgarru.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin akka obboleessii keenna Ximotewos hidhaansa keessaa bahe isan beesisuu fedha. Anuu yo innii hurrisee dhufe, isa waliin gara keessan dhufeette isan arga.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Obboleessi keenna Ximootewoos akka mana hidha'aatii hiikkame beekaa'a. Yoo inni dafee dhufe isa woliin dhufee isin arga.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Obboleessi keenna Ximootiwoos akka mana hidha'aatii hikkame beekaa'a. Yoo inni dafee dhufe isa woliin dhufee isin arga.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Obboleessi keenna Ximotewos mana hidha'aatii akka baye akka beekittan ni jaaladha, dadafaan garana yoo dhufe isa woliin gara keessan dhufee isin ni laala.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleessi keenna Ximootewoosille mana hidha'aatii akka hiikame akka beettanu fedha. Yoo inni dafee as dhufe, isa woliin dhufee isin dhagga.