Hebrews 13:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Barsiisa adda addaa, barsiisa orma te'e maraan hin booji'amina'a! Gadhaan keenna seera sagale'ee eeggatiisaan adoo hin te'in, badhaadha Waaqaatiin adoo jabaate dansa'a; worri seera sagale'ee eeggateeyyuu womaa hin dhagganne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Barsiisaani d'ibiini ta qajeeltu intahiini, d'uga ira isani ingorsiini. Guddo dansa yo eebiti Waaqa garaa nu jabeesite, fulla seera sagale gula yaani ira; wonti akanatiifi worri seera kana gula yau qarqaarsa tokole ira inarganne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Barachaan dhibiin ta qajeeltu hintahiin, dhugaa irraa isan hingorsiin. Fulaa seera sagalee gula yaa'anii irra, yo kennamsi naassuu Waaqaa garaa nu jabeesse guddoo dansaa, maaliif warrii seera sagalee gula yaa'ee qarqaarsa tokkollee hinarganne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Barumsa adda addaa haarawa hin beekkamneen hin fudhataminaa'a. Onneen teessan yoo waan badhaadha Rabbiitiin jabaatte misha'a malee nyaataanii miti. Worri waan kana hordofan waan hin fayyadamneef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Barumsa adda addaa haarawa hin beekkamneen hin fudhataminaa'a. Onneen teessan yoo waan badhaadha Rabbiitiin jabaatte misha'a malee, nyaataanii miti. Worri waan kana hordofan waan hin fayyadamneef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ka hin baratamin barsiisa gara garaatiin hin booji'aminaa, onneen keenna seerota nyaataa ka gara garaa eegu'uun uduu hin ta'in, kennaa isaa ka bilisaatiin uduu jabaatee dhaabateetii misha'a, seera nyaataa kana namoonni horddofan, womaayyuu isaan hin fayyadinne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barsiisa adda addaa, barsiisa orma te'e maraan hin booji'amina'a! Gadhaan keenna seera sagale'ee eeggatiisaan adoo hin te'in, badhaadha Waaqaatiin adoo jabaate dansa'a; worri seera sagale'ee eeggateeyyuu womaa hin dhagganne.