Hebrews 2:13 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkasuma, “Ani isatti hin addadha” jedha; ammalle, “Kunoo, anii fi ijoolleen Waaqi anaaf kennelle as jirra” jedha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni ammalle waan jed'u, Anini abdi tiyya Waaqa ira keyad'a. Ammalle inni waan jed'u, Anini ijoolle Waaqi naa kenne woliini jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii ammallee, “Anin abdii tiyya Waaqaa irra keeyadha” ammallee, “Ijollee Waaqii naa kenne waliin jira” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sababa kanaaf maqaa kee obboleeyyan tiyyatti hin hima, amantoota jiddu'uttillee weeddu'uun si galatoonfadha. Akkasuma, «Ani isa hedadha» akkasuma, «Kunoo anii fi ijoolleen Rabbi naa kennellee obboleewwan jedhee isaan waamuu hin saalfatu.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Sababa kanaaf, maqaa kee obboleeyyan tiyyatti hin hima, amantoota jiddu'uttillee weeddu'uun si galateeffadha. Akkasuma, «Ani isa hedadha» akkasuma, «Kunoo, anii fi ijoolleen Rabbi naa kennellee obboleewwan jedhee isaan waamuu hin saalfatu.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kanaan'llee, «Amantii kiyya isa irratti ni gatadha» jedha, deebi'ee'llee, «Kunoo anii fi ijoolleen Waaqinni naaf kenne asi jirra» jedha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma, «Ani isatti hin addadha» jedha; ammalle, «Kunoo, anii fi ijoolleen Waaqi naaf kennelle as jirra» jedha.