Hebrews 2:18 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni ifiifuu ataabamee rakkinna waan fudhateeruuf, worra ataabamu gargaariisaaf hin dande'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba waan isale duri ilaalatani garagalchaniifi, inni dandae worra ilaalatani inqarqaara.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan isaallee durii laallatanii gaargalchaniif, innii warra laallatame qarqaaruu indanda'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inninuu qoramee waan rakkinna argeef worra qoraman gargaaruu hin danda'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inninuu qoramee waan rakkinna argeef worra qoraman gargaaruu hin danda'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni mataan isaatuu qormaatamee rakkinna waan fudhateef, worra qormaataman gargaaru'uuf ni danda'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni ifiifuu ataabamee rakkinna waan fudhateeruuf, worra ataabamu qarqaariisaaf hin dande'a.