Hebrews 2:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqille beessisoota, baasota, bilbaasota adda addaa godhiisaa fi kennansa Ayyaana Woyyichaa ka akka fedha isaa qoodamaneen dhugaa baya ifii itti dabaleera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqileeni d'uga ufi ta worrati dare, akheekhafi waan mamatiifi waan jabdu heddu tolche. Ammalle Lubbu Qulqullo fed'i ufi gula namaa qoode.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqiilleen dhugaa ufii ta warraa irratti daree, akeekaa fi waan mamaa jabduu hedduu tolchee, kennamsa Hafuura Qulqulloollee fedhii ufiigula namaa qoode.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbuu malkataan, ajaa'ibaa fi maalalee gara garaatiin, akkasuma kennaa Ayyaana Woyyu'uu ka gara garaatiin waan kana rageera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rabbiinuu akka fedha ufiititti malkataa fi waan maalale'eetiin ajaa'iba adda addaatiin Ayyaana Woyyuu akka fedhii isaatitti kennameen waan kana rageef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqinni ammoo malikatoota, wonittoota maalale'ee, baasota adda addaa taasisu'uu fi kennaawwan Hafuura Qulqullu'uu ka akka fedhii isaa karaa isaatiin qoodamaniitiin, ragummaa isaanii mirkaneessee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqille beessisoota, baasota, bilbaasota adda addaa godhiisaa fi kennansa Ayyaana Woyyichaa ka akka fedha isaa qoodamaneen dhugaa baya ifii itti dabaleera.