Hebrews 2:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqi biyya lafaa ta dhuttu, ta amma nuuti marroo isi'ii dubbanuu tana akka ergantooti isaa bulchanuuf hin goonne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi lafa d'uftu ta sila uumu malaika iti guddo intolchine — lafa nu teenne waan isi dubbannu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqii lafa eegii tanaa dhuftu ta nu teennee waan isii dubbanu tana harka ergamtootaatti hinkenine.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi adunyaa dhuftu, ta waan isi'ii dubbannu tana akka maleekkota jalatti bultu hin goonne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rabbi adunyaa dhuftu ta waan isi'ii dubbannu tana akka maleekkotaa jalatti bultu hin goonne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqinni ufi durana waan dhufu kana ka irratti dubbata'aa jirru biyya lafaa, maleyikkootaaf hin bitamisiifnne,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi biyya lafaa ta dhuttu, ta amma nuuti marroo isi'ii dubbannuu tana akka ergantooti isaa bulchanuuf hin goone.