Hebrews 2:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Amma ammoo ka yennaa diqqo'oof ergantoota Waaqaatiin jala te'ee ture, ka rakkinna du'aa waan fudhateef kallachi ulfinnaatii fi guddini itti keyame, Yesuus hin dhaggina; inni badhaadha Waaqaatiin nu maraaf du'eera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Yeso ingarra! Haga diqa toko malaika ira diqeesani, aka inni eeba Waaqa gula maro nama ch'ufatiifi duu. Maro duisa inni due suniifi, ammatana boku guddinna ka hayyuma isaa kennani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
ammoo Yesus ingarra. Haga diqqaa tokko ergamtoota Waaqaa irra diqqeessan, akka innii kennamsa naasuu Waaqaa gula marroo nama cufaatiif du'u. Mar. roo gargala du'a innii du'e suniitiif, amma bokkuu guddinnaatii fi ka ulfinaa isaa kennan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo Ayyaana Rabbiitiin waan nama maraatiif du'a dhandhamu'uuf Yesuusii Maleekkaa diqqoo hanqatee ture, sababaa rakkinna du'aatiin gulloo ulfinnaatii fi galataa godhatee arginaan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo Ayyaana Rabbiitiin waan nama maraatiif du'a dhandhamu'uuf Yesuusii Maleekkaa diqqoo hanqatee ture, sababaa rakkinna du'aatiin gulloo ulfinnaatii fi galataa godhatee arginaan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Amma garuu maleyikkoota irra muraasaaf gad bu'ee ka ture, sababa rakkinna du'aa fudhachu'uutiin gonfata ulfinnaatii fi galataa ka mataa irra kaayate Yesusiin ni argina, inni'llee kennaa Waaqaa ka bilisaatiin waayee mara keennaatiif du'ee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Amma ammoo ka yennaa diqqo'oof ergantoota Waaqaatiin jala te'ee ture, ka rakkinna du'aa waan fudhateef kallachi ulfinnaatii fi guddinni itti keyame, Yesuus hin dhaggina; inni badhaadha Waaqaatiin nu maraaf du'eera.