Hebrews 3:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkasuma worra hin ajajamin san yoo te'e malee, “Addee fooraa ta ani kennutti hin galtanu” jedhee ka itti kakate eennu fa'a?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafa Waaqi khakhate, worri kuni haguma jiru boqota anini worraa kurfeese inargatu jed'e, Inni waan eennu dubbate? Inni waan worra dubbi isaa dide dubbate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqii gaafa kakatee, “Warrii kun haguma jiru natti olduudee hinfoorfatu” jedhe, waan eenuu dubbate? Innii waan warra dubbii isaa dide dubbate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra hin ajajamne yoo ta'e malee gara hulee hara baafannaa kiyyaa hin galtan jedhee eennuun fa'atti kakate?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra hin ajajamne yoo ta'e malee gara hulee harabaafannaa kiyyaa hin galtan jedhee ka itti kakate eennuun fa'a?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dabaleellee saniin worra hin ajajamin yoo ta'an malee, «Gara boqannaa kiyyaa titti hin galttan!» jedhee ka isaanitti kakate, eennuun fa'a turan?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma worra hin ajajamin san yoo te'e malee, «Addee fooraa ta ani kennutti hin galtanu» jedhee ka itti kakate eennu fa'a?