Hebrews 4:10 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkuma Waaqi hujii ifii irraa foorfate, nami foora Waaqi kennutti galu huji ifii irraa hin foorfata.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi nami boqota Waaqi kennuufi argatu ch'ufti akuma Waaqi huji isaa iraa boqote boqota.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkanaatiif namii olduudee Waaqaa waliin foorfatu cuftii akkuma Waaqii hujii isaa irra foorfate foorfata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni gara hara baafata ufii seene akkuma Rabbi hujii ufii irraa hara baafate innillee hujii ufii irraa hara baafateera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namni gara harabaafataa ufii seene akkuma Rabbi hujii ufii irraa harabaafate, innillee hujii ufii irraa harabaafateera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqinni hujii isaa irraa akkuma boqate akkuma kana ka gara boqannaa Waaqinni kennuu galu'llee, hujii isaa irraa ni boqata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma Waaqi hujii ifii irraa foorfate, nami foora Waaqi kennutti galu huji ifii irraa hin foorfata.