Hebrews 4:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre eennulle akka worra sanii ajajamiisa dhabiisaan jigee akka hin hanne, kowa'a addee fooraa sanitti galiisaaf jabaannaa!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi nu haga dandeennu jabaachu malle, aka boqota suni argannu. Nuuni tokoleeni, aka worri suni ch'aqasu dide boqota argachu dad'abe, tahu himmalle.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf nu akka foorfachaa sun argannuu haga dandeennu jabachuu malle. Nun tokkolleen akka warrii sun caqasuu didde, olseenuu dadhabe, tahuu hinmalle.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa eennullee ajajamuu didu'uun kufee akka hin hafne gara hulee hara baafanna'aa kana seenu'uuf haa jabaannuu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eeganaa eennullee ajajamuu didu'uun kufee akka hin hafne gara hulee harabaafanna'aa kana seenu'uf haa jabaannuu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf eennu'llee ajajamuu dhabuu namoota sanniinii horddofee akka hin kufnneef, gara bakka boqannaa Waaqaa titti galu'uuf, haa hisannuu. Dammaqinnuu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre eennulle akka worra sanii ajajamiisa dhabiisaan jigee akka hin hanne, kowa'a addee fooraa sanitti galiisaaf jabaannaa!