Hebrews 4:12 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Jechi Waaqaa jiraata'aa fi ka huju; goraadee qara lama qaddu calaa qara qaba; lubbuu ayyaana irraa, morgeya dhuka irraa muree gargar hin baasa; yaadaa fi halchaa gadhaa namaalle qoree itti hin mura.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi dubbini Waaqa jireenna qabdi, ammalle jabdu. Sheefti ch'ufa ira qara qabdi. Nafa ch'ufa tarsaafti, haga fulla onneefi lubbuuni wolti ejitufi fulla mitafi d'uuti wolti ejitu. Isiini fed'ifi herega garaa nama ilaalti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dubbiin Waaqaa jiraattuu ammallee jabduu, goraadee gami lachuu qaraallee cufa irra qara qabdi, nafa cufa tarsaafteeti, haga fulaa hafuuraa fi lubbuun waltiin ejjituu fi fulaa mittaafi moorgaan waltiin ejjitulle gargarii baafti. Isiin fedhii fi herrega garaa nama laalte murti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubbiin Rabbii jiraata'a; hunna hojjatuunillee uf keessaa qaba; guraadee gara lamaan qara qabu caalaa qarama'a; lubbuu, hafuura, ribuu, lafe'ee fi dhuka haga gar gar baasutti woraanee seenuu danda'a; miira onne'eetii fi ka yaadaa qora.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dubbiin Rabbii jiraata'a hunna hojjatuunillee uf keessaa qaba; guraadee gara lamaan qara qabu caalaa qarama'a, lubbuu, hafuura, ribuu, lafe'ee fi dhuka haga gargar baasuutti woraanee seenuu danda'a. Miira onne'eetii fi ka yaadaa qora.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dubbiin Waaqaa jiraata'aa fi ka hojjatu, billaya afaan lama qabu irra qarama'a, lubbu'uu fi hafuura, ribu'uu fi mogolee haga addaan baasutti ka mummuru, onnee keessatti ka dhokate yaadaa fi hawwa'llee qoratee ka muritteessu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jechi Waaqaa jiraata'aa fi ka huju; shallaagaa qara lama qabu caalaa qara qaba; lubbuu ayyaana irraa, morgeya dhuka irraa muree gargar hin baasa; yaadaa fi halchaa gadhaa namaalle qoree itti hin mura.