Hebrews 4:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yoona Hayyicha Guddaa guddicha ka gara ol-gubba'aa dabare, Yesuusii ilma Waaqaa waan qannuuf dhugeeffannaa teenna jabeessinee qabannuu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi d'ugefacha teenna jabeesu male. Nu qaallu gudda ka fuula Waaqa dura seene qamna — Yeso, Ilma Waaqa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nu waan qaallu gudda fuula Waaqaa dura seene yesus ilma Waaqaa qamnuuf dhugeeffacha teenna injabeessina.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa ka gara sami'ii ol baye gadicha hayyicha guddaa Ilma Rabbii Yesuusiin waan qabnuuf jabaannee amantii keenna haa eennuu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eeganaa ka gara sami'ii ol baye gadicha hayyicha guddaa Ilma Rabbii Yesuusiin waan qabnuuf jabaannee amantaa keenna haa eennuu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa samiiwwan bira dabrree gara olii gara sami'ii ka baye itti gaafatamaa qeesotaa ol aanaan waan qabnnuuf, amantii keenna jabeessinee haa qabannuu, itti gaafatamaan qeesotaa'llee Ilma Waaqaa Yesus.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yoona Hayyicha Guddaa guddicha ka gara ol-gubba'aa dabare, Yesuusii Ilma Waaqaa waan qannuuf dhugeeffannaa teenna jabeessinee qabannuu ti.