Hebrews 4:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Hujiin isaa haga biyyi lafaa dadanteen jalqaddee fixantulle, “Addee fooraa ta ani kennutti isaan ijjumaa hin galanu jedhee aarii tiyyaan kakadheera” akkuma jedhe, ammalle nuuti worri dhugeeffanne addee fooraa ta waaqi nu'uuf kennu sanitti hin galla.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nu, worri d'ugefate, olseenne Waaqa woliini boqonna. Akuma inni jed'e, Anini dalane kakhad'e waan jed'e, Worri kuni haguma jiru boqota anini worraa kurfeese inargatu. Ato hujiini isaa ta duri ta uumama hobaatele inni waan kana la dubbate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nu warrii dhugeeffate, olduunneetti Waaqaa waliin foorfanna. Akkuma innii, “Anin dallane kakadhee, ‘Warrii kun haguma jiru natti olduudee hinfoorfatuu’ ” jedhe. Adoo hujiin isaa ta durii ta uumamaa hobaatellee innii waan kana la dubbate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hujiin isaa haga adunyaan uumamtee jalqabee yoo raawwatamellee, «Isaan hulee hara baafataa ta ani isaanii kennee sanitti sirima hin galan jedhee aari'iin kakadheera» Akkuma jedhe nu worri amanne hulee hara baafataatitti hin galla.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hujiin isaa haga adunyaan uumamtee jalqabee yoo raawwatamellee, «Isaan hulee harabaafataa ta ani isaanii kenne sanitti sirimaa hin galan jedhee, aari'iin kakadheera» Akkuma jedhe nu worri amanne hulee harabaafataatitti hin galla.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Hujiin isaa yeroo biyyi lafaa uumamee jala qabee ka xumurame yoma ta'e'llee, «Gara bakka ani isaaniif kennu ka boqanna'aa titti, gonkumaa hin galan jedhee dallanssuu kiyyaan kakadhee jira» Akkuma jedhe amma'llee nu'u ka amannu, garasi gara bakka boqanna'aa ka Waaqinni nu'uuf kennuu ni galla,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hujiin isaa haga biyyi lafaa dadanteen jalqaddee fixantulle, «Addee fooraa ta ani kennutti isaan ijjumaa hin galanu jedhee aarii tiyyaan kakadheera» akkuma jedhe, ammalle nuuti worri dhugeeffanne addee fooraa ta waaqi nu'uuf kennu sanitti hin galla.