Hebrews 4:6 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Addee fooraa sanitti worri galu gariin jira; worri Oduu Gammadaa dursee dhage'e sun ajajamiisa waan dhabeef addee fooraa ta Waaqi isaaf kennutti hin galle.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri qara Odu Dansa d'agaye, boqota suni inarganne, waan Waaqa didaniifi. Ammo nama gari boqota suni inargata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii qara Oduu dansaa dhaga'e, waan isa hindhugeeffatiniif dhaqee Waaqaa waliin hinfoorfanne. Nama garii ammoo keessa seensisani Waaqaa waliin infoorfatan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri hulee hara baafataa san galu gari gariin hin jira. Waan dubbii gammachu'uu ka himame sanii ajajamuu didaniif hulee hara baafata isaanii kennameetitti hin galle;
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hulee harabaafataa san worri galu gari gariin hin jira. Dubbii gammachu'uu ka himame sanii ajajamuu waan didaniif hulee harabaafata isaanii kennameetitti waan hin galleef,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan sunniin worri Oduu mishaa jalqaba dhagayan ajajama dhabuu isaaniitiin, gara bakka boqanna'aa ka Waaqinni isaanii kennu'uuf jiruu titti hin galle, ta'u'llee garasitti akka galaniif worri isaaniif eeyyame tokko tokko ni turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Addee fooraa sanitti worri galu gariin jira; worri Oduu Gammadaa dursee dhage'e sun ajajamiisa waan dhabeef addee fooraa ta Waaqi isaaf kennutti hin galle.