Hebrews 4:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Tunille akkuma kanaan dura, “Adha qoonqoo isaa yoo dhageettane; mataa hin jabaatina'a” jedhee, Waaqi bara heddu'uun duuba karaa Daawwitiitiin dubbii dubbateen, guyyaan dhibiin ka, “Adha” jedhamee waamame waan murtoyeef mirkanooyeera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro waan kanatifi Waaqi guyya d'ibi fohate ka Arra jed'ani. Ganna heddu eegi suni afaani Dauditini dubbate, t'aafi qara maqa d'aani keesati, waan jed'e, Yo qonqo Waaqa arra d'ageettani, mata jabaatani indidiina.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mar. roo waan kanaatiif Waaqii guyyaa dhibii foohate ka “ardha” jedhan. Ganna hedduu eegii suni afaan Dawitiitiin dubb ate, barreessii qara baanan keessatti, “Yo qoonqoo Waaqaa ardha dhageettan, jallattanii hindiddiinaa” jedha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu Rabbi, «Adha jedhee ammallee guyyaa san murteesse; kunillee bara dheera'aan maayessa karaa Daawitiitiin «Adha» sagalee isaa yoo dhageettan garaa hin jabaatinaa'a!» jedhamee akkuma dur dubbatame san.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kunillee akkuma kanaan duraa, «Adha laagaa isaa yoo dhageettan; garaa hin jabaatinaa'a» jedhamee, Rabbi bara hedduun dura afaan Daawitiitiin hennaa dubbatu, guyyaan biraa ka, «Adha» jedhamee waamame waan murtaayeef beekkameera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kun'llee akkuma durissee jedhametti, «Adha qooniqqa isaa yoo dhageettan, onnee teessan didduu hin taasisinaa» jechu'uun Waaqinni baroota baayi'e'een duubatti, karaa Daawiitiitiin dubbii dubbateen, «Adha» jedhamee guyyaa waamame, murteefamuu isaatiin mirkanaayee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tunille akkuma kanaan dura, «Adha qoonqoo isaa yoo dhageettane; mataa hin jabaatina'a» jedhee, Waaqi bara heddu'uun duuba karaa Daawitiitiin dubbii dubbateen, guyyaan dhibiin ka, «Adha» jedhamee waamame waan murtoweef mirkanoweera.