Hebrews 5:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Hayyichi guddaan mara namoota keessaa filamee, haajaa Waaqa woliin woldeessisu irratti addee kolba'aa bu'ee kennansaa fi woreega cubbu'uu dhikeessiisaaf muudama.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qaallu gudda jiddu nama keesaa fohatani, aka maro namatiifi Waaqa hojatu. Inni waan Waaqaa baasaniifi sorio ta daba baaftu baasa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka marroo namatiin Waaqaa hojjatu, qaalluu guddaa jidduu namaa keessaa foohatan. Innii galataa fi sooriyoo ta cubbuu baaftu qala.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bulchoonni gugurdaan gadootaa maruu namoota keessaa filamanii waan Rabbiitiif bikka namootaa kennaa ciincaa cubbu'uu dhiyeessu'uuf muudaman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gadichi guddichi maruu waan cubbu'uutiif ciinca'aaf kennaa dhiyeessu'uuf nama keessaa filamee waan Rabbii maraa irratti muudama.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Tokkoon tokkoon itti gaafatamaan qeesotaa namoota jiddu'uu filatamee dhimma Waaqaan woliin wolitti nama fiduuf bakka namootaa bu'anii kenna'aa fi kitimaa dhiyeessu'uuf, ni muudaman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hayyichi guddaan mara namoota keessaa filamee, haajaa Waaqa woliin woldeessisu irratti addee kolba'aa bu'ee kennansaa fi woreega cubbu'uu dhikeessiisaaf muudama.