Hebrews 5:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa kana barsiisota te'uu maltane; amma ammoo jecha Waaqaa barumsa jalqabaa nami biraa ammalle akka isin barsiisu barbaachisa; sila sagalee jaddu'utti isinii male; ammoo ammalle aananitti isiniif barbaachisa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani hojja tana jara nama barsiisu tahu maltani, ufiiftu nama waan qara ta dubbi Waaqa isani barsiisu feetani. Isani harma hod'u maltani, sagale jabdu indandeettani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo kana isan silaa jara nama barsiisu ta'uu maltan, isan ammoo nama dubbii Waaqaa ta qaraa isan barsiisuu feetan. Isan waan sagalee jabduu hindandeenneef harma hodhuu maltan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin hennaa tana silaa barsiisota ta'u'utu isin barbaachisa. Amma ammo akka namni tokko dubbii Rabbii ka jalqabaa irraa deebi'ee barumsa biraa isin barsiisuu barbaachisa; akka kanaan wonti isinii ta'u aannan malee nyaata jaba'aa miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin hennaa tana silaa barsiisota ta'utu isin barbaachisa. Amma ammo akka namni tokko dubbii Rabbii ka jalqabaa irraa deebi'ee barumsa biraa isin barsiisuu barbaachisa; akka kanaan wonti isinii ta'u aannan malee nyaata jaba'aa miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Haga ammaa yeroo turetti isin barsiisota ta'utu isin irra jira ture, garuu dubbiin Waaqaa barsiisa jalqabaatiin naminni bira'aa irra deebi'ee akka isin barsiisu ni barbaachisa, bifa kanaan ka isin barbaachisu aanan malee nyaata jaba'aa miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa kana barsiisota te'uu maltane; amma ammoo jecha Waaqaa barumsa jalqabaa nami biraa ammalle akka isin barsiisu barbaachisa; silaa sagalee jaddu'utti isinii male; ammoo ammalle aananitti isiniif barbaachisa.