Hebrews 5:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Sagaleen jadduun ammoo worra gugurdaa, worra dansa'aa fi hamaa gargar baasiisa barateeruuf barbaachitti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo sagaleeni jajabduuni ta nama gugurdati, ka hubacha argate waan dansaafi hamtu gargari beekhu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Sagaleen jajabduun ammoo ta nama gugurdaa hubachaa argatee waan dansaa fi hamtuu gargarii beekuuti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dhiyanni jabaan ammo worra waan misha'aa fi waan hamaa addaan baasuuf, worra waa hubatanii fi worra yaada guutu'uutiif barbaachisa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dhiyanni jabaan ammoo worra waan misha'aa fi waan hamaa addaan baasuuf worra waa hubatanii fi worra yaada guutu'uutiif barbaachisa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Nyaata jabaataa worri isaan barbaachisu garuu, waan misha'aa fi waan badaa addaan baasu'uuf shaakala ka qaban namoota gugudda'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sagaleen jadduun ammoo worra gugurdaa, worra dansa'aa fi hamaa gargar baasiisa barateeruuf barbaachitti.