Hebrews 5:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus biyya lafaa tana irra yennaa le'e, iyyansa gudda'aa fi imimmaaniin, daadimanna'aa fi kadhaa gara Waaqa du'a irraa isa fayyisiisaaf dande'uu dhikeesse; ifi gadi qabee waan ajajameef Waaqi daadimannaa isaa dhage'eef.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafa lafa jiru, Yesoni qonqo guddofi imimaaniini aka male Waaqa kad'ate, ka dandae duisa keesaa isa baasu. Waan inni Waaqa sodaateefi Waaqi isa d'agaye.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gafa lafa jiru Yesus qoonqoo guddoo fi imimaaniin Waaqa, ka danda'ee du'a keessaa isa baasu kadhate. Waan innii ufi diqqeessee Waaqaa sodaateef Waaqii isaa dhaga'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni hennaa lafa tana irra jiru laagaa gudda'aa fi imimmaaniin faate'een, kaawwaniillee kadhachu'uun gara Waaqa isa hambisuu danda'uutitti dhiyeesse. Gadi uf qabee waan ajajameef Rabbi kadhaa isaa dhagayeef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee hennaa lafa tana irra jiru laagaa gudda'aaf imimmaaniin faate'ee fi kaawwanii kadhachu'uun gara Waaqa isa hambisuu danda'uutitti dhiyeesse. Gadi uf qabee waan ajajameef Rabbi kadhaa isaa dhagayeef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus nama ta'ee biyya lafaa kana irra yeroo jiraatetti gara Waaqa du'aa isa kaasuu dandda'uu iyyiinsa ol aana'aan, imimmaan baayi'ee kadhanna'aa fi woriwwaataan kadhaa ni dhiyeesse, mataa gad qabataan mataa isaa ajajamaa taasisuu isaatiin, Waaqinni kadhannaa isaa ni dhagaye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus biyya lafaa tana irra yennaa le'e, iyyansa gudda'aa fi imimmaaniin, daadimanna'aa fi gaaffii gara Waaqa du'a irraa isa fayyisiisaaf dande'uu dhikeesse; ifi gadi qabee waan ajajameef Waaqi daadimannaa isaa dhage'eef.