Hebrews 6:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yoona kowa'a barsiisa marroo Kiristoosiitiif kenname, ka jalqabaa lakkinnee gara barsiisa guutu'uu dabarra. Nuuti hundee hujii gara du'aa geessitu irraa deebi'iisaatii fi Waaqatti dhugeefatiisaa, deebinee hin hundeessinu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi barsiisa qara ta Kristo lafa d'aamne, dura deemne ta hagasi ira jajabdu barachuu malle. Nu waan yayaba d'ugefacha teenna deebine keyannufi inqamnu; ta aka huji woma imbaane iraa deebiitifa Waaqa d'ugefacha fa barsiisa waan batisotiifi ta harka ira kayanifi kaisa nama duetiifi qorsuma hegeri d'uftu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf nu barachaa karaa Kiristoo ta qaraa lafa dhaamnee, waan deebinee yayyaba dhugeeffachaa teennaa, ka akka ujii homaa hinbaane irraa deebi'anii, dhugeeffachaa Waaqaa dhugeeffatanii, barachaa waan cuuphamaa, ta waan harka mataa namaa irra kaahanii, waan ka'iisa nama du'ee, waan muraansa hegerii dhufu, itti deebine keeyyannuuf hinqamnuu duratti deemnee barachaa hagas irra jajabduu barachuu malle.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa barumsa waan Kiristoosii ka jalqabaa dhiifnee gara barumsa worra gugurda'aa haa deemnuu; bu'uura deebifnee hin bu'uursinuu. Sunillee hujii gara du'aa nama geessu irraa aagii galuu,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaaf waan Kiristoosii ka dura namoonni barsiisan dhiifnee, gara bilchinnaa haa deemnuu; bu'uura deebifnee hin bu'uursinu. Sunillee hujii gara du'aa nama geessu irraa aagii galuu, Rabbitti amanu'uun, waan cuuphamu'uu, waan harka nama irra kaayu'uu, waan worra du'oota keessaa ka'aniitii fi waan barumsa murtii bara baraa ti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa barsiisa jalqaba ka waayee Kristositiif kenname dhiifinnee, gara barsiisa muda maleessa ta'ee titti haa dabrrinuu, hujii du'e irraa dhiifamaan deebi'u'uu fi hunddee Waaqatti amanu'uu deebinee haa hunddeessnu,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yoona kowa'a barsiisa marroo Kiristoosiitiif kenname, ka jalqabaa lakkinnee gara barsiisa guutu'uu dabarra. Nuuti hundee hujii gara du'aa geessitu irraa deebi'iisaatii fi Waaqatti dhugeeffatiisaa, deebinee hin hundeessinu.