Hebrews 6:16 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Namooti yennaa kakatanu maqaa nama isaan caaluutiin kakatan; dubbii ifiille kaku'uun jabeesiisaan, wol mormii isaan wolakaa jirtu maraa balleesan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo nami kakhatu, inni maqa nama isa ira jirutiini kakhata, ammalle kakhuuni waan nami irati wold'abe ch'ufa ind'ugefachiifti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii yo kakate, maqaa nama isa irra jiruutiin kakata, ammallee kakuun waan namii irratti waldhabe cufa indhugeeffachiifti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni waan ka isaan caaluun kakataniif dubbii ufiillee kaku'uun jabeessan; kakuun waan jedhame cimsa; mormii isaan jiddu'utti ka'e maraa balleessa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namoonni waan ka isaan caaluun kakataniif dubbii ufiillee kaku'uun jabeessan kakuun dhuma mormii waa maraa ta'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni yoo kakatan maqaa mataa isaanii caaluun ni kakatan, haasaya isaanii'llee kakuu isaaniitiin dhugaa taasisu'uun, wol mormmii jidduu isaanii jiru maraa ni dhabamisiisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti yennaa kakatanu maqaa nama isaan caaluutiin kakatan; dubbii ifiille kaku'uun jabeessiisaan, wol mormii isaan wodhakkaa jirtu maraa balleessan.