Hebrews 6:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqi akki yaada isaa ka hin jijjiiranne akka te'e irra calaa ifa tolchee mudhisiisaaf barbaadee, worra waadaa galame dhaaluuf, waadaa ifii gale kaku'uun jabeesse.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi worra waan inni iti khakhate argate ch'ufa diideese iti himu fed'e, aka qalbi ufi garingalfanne, tanaafi aka jaba kakhate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqii akka herregii isaa hingeeddaramne warra waan innii abdachiisun argatuutti diideessee himu fedhee, tanaaf akka jabaa kakate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu Rabbi dubbii abdi'ii worra dhaalaniif, yaada isaa akka hin jijjiiranne caalchisee isaanitti mudhisuu waan barbaadeef,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaafuu Rabbi dubbii abdi'ii worra dhaalaniif, yaada isaa akka hin jijjiiranne caalchiisee isaanitti mudhisuu waan barbaadeef,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bifa kanaan murttiin Waaqaa ka hin jijjiiramnne ta'uu isaa hubachiisu'uuf barbaadee, worra dhaalttota abddi'ii ta'aniif abddii kaku'uun isaanii ni mirkaneesse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi akki yaada isaa ka hin jijjiiranne akka te'e irra caalaa ifa tolchee mudhisiisaaf barbaadee, worra waadaa galame dhaaluuf, waadaa ifii gale kaku'uun jabeesse.