Hebrews 6:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkuma kanaan Waaqi waan lama ka hin jijjiirannee fi ka ittiin hin sonne addi'ii fi kakuu nu'uuf kenneera; karaa waan lama kanaatiin addii nu dura jirtu jabeesiinee qabatiisa akka dandeennu, nu worri isatti baqanne jajjabeenna guddaa hin dhagganna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba waan lamati jira, ta injijiramneefi ta Waaqi dandae irati inkiyyimne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Duuba wa lamaa, ka hinjijiramnee fi ta Waaqii danda'ee irraatti hinkiyimneetti jira; sunilleen abdii fi kakuu ufii ya nukenne karaa waan kana lamaani gulaan abdii fuula kenna dura jirtu akka qabachuu dandennu nuni waarraa hirkoo argachuf gara isa dhetee jajjabeenna guddaa arganna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akka kanaan waan lamaan hin jijjiiramnee fi ka soba hin qabneen abdi'ii fi kakuu nuu galeera. Kana lamaaniin abdii nu afoo jiru jabeessinee qabatuu akka dandeennu, nu worri gara isaa dheessine jajjabeenna guddaa arganna.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rabbi akka kanaan waan lamaan hin jijjiiramneef ka soba hin qabneen abdi'ii fi kakuu nuu galeera. Kana lamaaniin abdii nu afoo jiru jabeessinee qabatuu akka dandeennu, nu worri gara isaa dheessine jajjabeenna guddaa arganna.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bifuma kanaan Waaqinni wonittoota hin jijjiiraminnee fi wonittoota itti hin kijibamnne wonittoota lamaan jechuun abddii isaatii fi kakuu isaa nuuf kennee jira, karaa wonittoota kanniin lamaaniitiin'llee abddii fuundurana keennaan jiru jabeessinee qabachuu akka dandeennu waan itti dhiyaannu argachu'uuf, inni gara isaa worri dheessine jajabeenna ol aanaa ni arganna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma kanaan Waaqi waan lama ka hin jijjiirannee fi ka ittiin hin sonne addi'ii fi kakuu nu'uuf kenneera; karaa waan lama kanaatiin addii nu dura jirtu jabeessinee qabatiisa akka dandeennu, nu worri isatti baqanne jajjabeenna guddaa hin dhagganna.