Hebrews 6:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akka hookkoon sibiilaa, hoboloo guddittii qabee dhaabu, nuutille addii addatantu'uu fi jadduu ta lubbuun teenna qabattee dhaabbattu qanna; addiin tun golla'aan duuba dabartee gara addee woyyittii Galma Waaqaa ka ol-gubba'aa hin seenti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Abdiini tuni jabduu aka male nu jabeesiti. Isiini jabdufi d'uga, ammalle golla Mana Waaqa ka gubba jiru keesa seenti, haga Fulla Qulqullo.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Abdiin tun akka malee garaa nu jabeessiti. Isiin jabduu fi dhugaa ammallee golla Mana Waaqaa ka gubbaa jiru keessa seenti, haga fulaa qulqulloo,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Nullee abdatama'aa fi jabaa lubbuu teenna qabatee dhaabatu, ka akka sibiila gaadituu markaba qabee dhaabu qabna. Abdiin kunillee golga duubaan lufee hulee woyyicha galma Rabbii ka sami'ii seene.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Nullee abdatama'aa fi jabaa lubbuu teenna qabatee dhaabatu ka akka sibiila gaaditu'u markaba qabee dhaabu qabna. Abdiin kunillee golga duubaan lufee hulee woyyicha galma Rabbii ka sami'ii seene.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Abddiin kun'llee jireenna keenna keessatti akka ka hin sochoone xiribbaa sibiilaa amanisiisa'aati, abddiin Yesusiin qabnnu'llee golgata bira dabrree gara Mana Qulqullumma'aa titti ni gala.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka hookkoon sibiilaa, hoboloo guddittii qabee dhaabu, nuutille addii addatantu'uu fi jadduu ta lubbuun teenna qabattee dhaabbattu qanna; addiin tun golla'aan duuba dabartee gara addee woyyittii Galma Waaqaa ka ol-gubba'aa hin seenti.