Hebrews 7:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Abrahaam waan duudii keessaa, kudhan keessaa tokko baasee kenneef; hiikkaan maqaa Malkiisedeqii tokkoffaan, “Mootii balchuma'aa ti”, akkasuma “Mootii Saalemii” jechuun “Mootii nageyaa” jechu'u.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Abrahamuuni qooda kud'anneeso ka waan qabu ch'ufa kenneefi. Maqaani qara ka Melkizedeki Hayyu D'ugaati. Maro inni hayyu Salemutiifi, maqaani isaa ammalle Hayyu Nagayaati.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Abrahaam ammoo waan qabu cufa irraa kudhan keessaa tokkoo kenneef. Maqaan Malkiisedeq ka qaraa “Hayyuu qajeelummati” jedhan; eegee ammoo marroo saalem jechuun nagaa jechuu taateef, maqaan isaa “Hayyuu nagaa” jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaafillee akkasuma Abrahaam waa maraa keessaa kurneessoo kenneef; hiikkaan maqaa isaa ka duraa, «Mootii qajeellumma'aati», akkasuma ka lammeesso'oo ammo, «Mootii Saaleemiiti» jechuun «Mootii nagayaa» jechu'u.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaafillee akkasuma Abrahaam waa maraa keessaa kurnaffaa kenneef hiikkaan maqaa isaa ka duraa, «Mootii qajeellumma'aa ti», akkasuma ka lammaffa'aa ammoo, «Mootii Saaleemiiti» jechuun «Mootii nagayaa» jechu'u.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Abrahaam'llee waan qabatee jiru mara irraayyuu, harka kudhan keessaa harka tokko baasee ni kenneef, Malkeeseedeqi hiikkaan maqaa isaa tokkoffaan, «Nugusa Qulqullumma'aa» ka bira'aa «Nugusa Saalemii» yookiin «Nugusa Nagayaa» jechu'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Abrahaam waan duudii keessaa, kudhan keessaa tokko baasee kenneef; hiikkaan maqaa Malkiisedeqii tokkeessoon, «Mootii balchumma'aa ti», akkasuma «Mootii Saalemii» jechuun «Mootii nageyaa» jechu'u.