Hebrews 7:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Hayyummaan tun kakuu Waaqaatiin malee hin teene; worri duraan hayyoota te'ane kakuu malee te'ane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle kakhu Waaqati jira. Gaafa jara kaani qaalole tolchani, kakhuuni tunini injirtu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee kakuu Waaqaatti jira, gaafa jara kaan qaallota tolchan, kakuun tunin hinjirtu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee waadaa malee gadoota waan ta'aniiraniif,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaanillee waadaa malee gadoota waan ta'aniiraniif, inni ammoo, «Goofta'a, ‹Ati akka muudama Malkasaadiqii baraa haga bara baraatitti gadicha› jedhee kakate, hin gaabbulle'e» jedhamee hennaa himameef, kaku'uun gadicha waan ta'eeruuf; akkuma kakuu malee gadicha hin taane akkasuma Yesuusii waadaa caaluuf wobii ta'eera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana malee'llee, qeessummaan kun kakuu Waaqaa malee hin taane, sunniin worri asiin durana qeesota ta'an kakuu male'e,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hayyummaan tun kakuu Waaqaatiin malee hin teene; worri duraan hayyoota te'ane kakuu malee te'ane.