Hebrews 7:21 — Compare Translations

6 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus ammoo kakuu Waaqaatiin hayyuu te'e; marroo isaatiif Barreeffama Woyyicha keessatti, “Waaqi, ‘Ati haga bara baraa hayyu'u’ jedhee kakateera, inni yaada ifii hin jijjiirratu” jedhantee barreeffanteerti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Yesoni kakhuuni qaallu tahe, gaafa Waaqi, Aabbooni ya kakhate, qalbi ufi gara ingalfatu: Atini haga jirtu qaallu taata isaani jed'e kaani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammoo kakuun qaalluu tahe. Gaafa Waaqii, “Aabboon la kakatee, qalbii ufii gara hingalfatu, ‘Atin haga jirtu cufa qaalluu taata’ ” isaan jedhe kaan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
inni ammo, «Goofta'a, ‹Ati akka muudama Malkasaadiqii baraa haga bara baraatitti gadicha› jedhee kakate, hin gaabbulle'e» jedhamee hennaa himameef, waada'aan gadicha waan ta'eeruuf;
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus garuu qeesicha ka ta'e kakuu Waaqaatiin, kun'llee, «Waaqinni, ‹ati bara baraaf qeesicha jedhee› kakatee jira, hin jijjiiramu» jedhamee akkaataa isaaf dubbatameetiin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus ammoo kakuu Waaqaatiin hayyuu te'e; marroo isaatiif Barreeffama Woyyicha keessatti, «Waaqi, ‹Ati haga bara baraa hayyu'u› jedhee kakateera, inni yaada ifii hin jijjiiratu» jedhantee barreeffanteerti.