Hebrews 7:27 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni akka hayyoota gugurdoo dhibi'i, dursee cubbuu ifiitiif, achiin duuba cubbuu kolba'aatiif guyyuma guyya'aan woreega dhiyeessiis hin barbaachisuuf; yennaa ifi woreega tolchee dhiyeesse, takkumaan yennaa maraaf muummeseera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni aka qaalole gugurdo taani injiru ta guyya ch'ufa sorio qaltu, qara maro daba ufitiifi, ammalle maro daba namale. Inni sorio toko baase, taka quba ch'alla, gaafa nafa ufi baase.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii akka qaallolee gugurdoo, guyyaa cufa sooriyyoo qara fiixee cubbuu ufiitiif eegee cubbuu nama dhibiitiif qaltuu taan hinjiru. Innii gaafa ufii kennee takka qubaa callaa sooriyoo ta'ee nafa ufii baase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni akka bulchoota gadoota kaawwanii dura waan cubbuu ufiitiif, maayii waan cubbuu bani'iitiif guyya guyya'aan ciincaa dhiyeessuun isa hin barbaachisu. Hennaa uf kenne waan maraa hennaa tokkoon raawwateera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni akka bulchoota gadootaa kaawwanii dura waan cubbuu ufiitiif, maayi waan cubbuu bani'iitiif guyya guyya'aan ciincaa dhiyeessuun isa hin barbaachisu. Hennaa uf kenne waan maraa hennaa tokkoon raawwateera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee akkuma Qeesonni ol aanttonni kunniin duraan durssee waayee cubbuu mataa isaatiif, maaii'llee waayee cubbuu ummataatiif guyyama guyya'aan kitimaa dhiyeessuun isa hin barbaachisu, maraa isaa kitimaa taasisee yeroo dhiyeessetti'llee, waan kan haala irra deebii hin qabnneen raawwatee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni akka hayyoota gugurdoo dhibi'i, dursee cubbuu ifiitiif, achiin duuba cubbuu kolba'aatiif guyyuma guyya'aan woreega dhiyeessiis hin barbaachisuuf; yennaa ifi woreega tolchee dhikeesse, takkumaan yennaa maraaf muummesseera.