Hebrews 7:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Malkiisedeq abbaa, haadha, yookiin hidda dhalootaa hin qabau; barri jireenna isaalle jalqabaa fi dhuma hin qabu; akka Ilma Waaqaa haga bara baraa hayyuu te'ee jiraata.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Melkizedekiini abbaafi haad'a inqabu, ammalle ababootale inqabu; d'alootafi dua isale nami imbeekhu. Inni aka Ilma Waaqaa jira: haga jiru qaallu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Malkiisedeq abbaa fi haadhaallee hinqabu, ammallee abbabootallee hinqabu; dhalootaa fi du'a isaallee namii hinbeeku. Innii akka ilma Waaqaa jira haga jiru cufa qaallu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abbaa fi haadha, laakkobsa, hidda dhalootaallee hin qabu. Barrinii fi jireenni isaa jalqabaa fi dhuma hin qabu. Haa ta'uu ammo akka Ilma Rabbii baraa haga bara baraa gadicha ta'ee jiraata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Abbaa fi haadha laakkoofsa hidda dhalootaallee hin qabu. Barrinii fi jireenni isaa jalqabaa fi dhuma hin qabu. Haata'uu ammoo akka Ilma Rabbii, baraa haga bara baraa gadaa ta'ee jiraata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Malkeeseedeqi kitaaba keessatti abbaa beekkamee fi haadha yookiin gaalee dhalootaa hin qabu, baraaf jalqaba, jireenna isaatiif'llee muummee hin qabu, Malkeeseedeqiin kun'llee akka fakkeenna Ilma Waaqaa ta'uu isaatiin, bara baraan qeesii ta'ee ni jiraata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Malkiisedeq abbaa, haadha, yookiin hidda dhalootaa hin qabu; barri jireenna isaalle jalqabaa fi dhuma hin qabu; akka Ilma Waaqaa haga bara baraa hayyuu te'ee jiraata.