Hebrews 7:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri sanyii Lewwi'ii te'anee hujii hayyumma'aatitti ramadamanu, sanyii Abrahaamii te'anulle kolbaa ifii irraa jechuun obboleeyyan ifii irraa kudhan keessaa tokko akka fudhatanu seerrii hin ajaja.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qaaloleeni d'aloota Lawi Seeri gula qooda kud'anneeso ijoolle Israeli iraa guurachu indandeetii worri gosuma ufi ira fud'ata ato worri d'aloota Abrahamu tahele.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Qaalloolleen dhaloota Lewwii aadaa gula qoodaa kudhaneessoo ijoollee Israa'elii irraa guurachu indandeeti, warrii adoo dhaloota Abrahaamii ta'eellee gosuma ufii irra fudhata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ijoollee Lewwi'ii keessaa worri hujii gadicha ta'u'uu argatan, banii keessaa jechuun obboleeyyan ufii keessaa isaan hagamillee yoo gudeeda Abrahaamii keessaa bayan isaan kudhan keessaa tokko seeraan akka baasan ajaja qaban.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ijoollee Lewwi'ii keessaa hujii gadicha ta'u'uu worri argatan, banii keessaa jechuun obboleeyyan ufii keessaa isaan hagamillee yoo gudeeda Abrahaamii keessaa bayan, isaan kudhan keessaa tokko seeraan akka baasan ajaja qaban.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kunniin hujii qeesumma'aa irratti ka ramadaman fiixaan Leewi'ii ummata keessaa fiixaa Abrahaamii keessaa jechuun'llee, obboleeyyan isaanii keessaa harka kudhan keessaa harka tokko akka fudhataniif, seeraan isaanii ajajamee jira,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri sanyii Lewwi'ii te'anee hujii hayyumma'aatitti ramadamanu, sanyii Abrahaamii te'anulle kolbaa ifii irraa jechuun obboleeyyan ifii irraa kudhan keessaa tokko akka fudhatanu seerrii hin ajaja.