Hebrews 7:8 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Karaa tokkoon kudhan keessaa tokko worri fudhatu worra du'a'a; karaa kaaniin ammoo kudhan keessaa tokko ka fudhatu, hayyicha jiraataa akka te'e ka dhugaan hinteef Melkiisedeq.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qaaloti qooda kud'anneeso nama iraa guurtu indooti; ammo Melkizedekiini ka qooda kud'anneeso nama iraa guure, akuma t'aafiini jettu ammalle injira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Qaalloti waan kudhan keessaa tokkoo nama irraa guurtuu indhumatti; Malkiisedeq ammoo ka waan kudhan keessaa tokko nama irra guure, akkuma barreessiin jettuu ammallee injira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Karaa tokkoon kudhan keessaa tokko Leewwota worra du'uu danda'aniin wolitti qabama. Karaa kaaniin ammo Malkasaadiqii jiraataa ragameef saniin wolitti qabama.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Karaa tokkoon kudhan keessaa tokko Leewwoota worra du'uu danda'aniin wolitti qabama. Karaa kaaniin ammoo Malkasaadiqii jiraataa ragameef saniin wolitti qabama.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gara tokkoon worri kudhan keessaa harka tokko fudhatan du'oota worra ta'an, gara bira'aatiin garuu kudhan keessaa harka tokko ka fudhate, jiraataa ta'ee akka jiraatu ka rageeffameef Malkeeseedeqi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Karaa tokkoon kudhan keessaa tokko worri fudhatu worra du'a'a; karaa kaaniin ammoo kudhan keessaa tokko ka fudhatu, hayyicha jiraataa akka te'e ka dhugaan hinteef Malkiisedeq.