Hebrews 8:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
‘Yennaa saniin duuba, kolbaa Israa'eelii woliin gondooroon ani gondooru, Seera kiyya qalbii isaanii keessa hin keya, gadhaa isaanii keessalle'etti hin barreessa; ani isaaniif Waaqa hin te'a, isaanille kolbaa tiyya hin te'an, ta jettu’ jedha Goottaan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aabbo waan jed'u, wold'aqisi taka tana gosa Israeli woliini tolchu kana: Anini Seera kiyya qalbi worra keesa kaye, garaa worra keesati t'aafa. Anini Waaqa worra taha, worrileeni gumi tiyya taha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waldhaqiisa anin gosa Israa'eli waliin tolchu kana, eegii guyyaa sunii Aabboon, ‘Anin seera kiyya qalbii warraa keessa kaaya, garaa warraa keessatti barreessa; anin Waaqaa warraa taahee, warrilleen gumii tiyya taaha’ jedha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
‹Ji'oota sanniiniin maayii, waadaan mana Israa'elii woliin galu, seera kiyya qalbii isaanii keessa kaaya; Onnee isaaniitittillee hin barreessa; ani Rabbiin isaanii ta'a, Isaanillee banii kiyya ta'an, ka jedhu kana› jedha Gooftaan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
‹Ji'oota sanniiniin maayii, waadaan mana Isiraa'elii woliin galu, seera kiyya qalbii isaanii keessa kaaya; Onnee isaaniitittillee hin barreessa; ani Rabbiin isaanii ta'a, Isaanillee banii kiyya ta'an, ka jedhu kana› jedha Gooftaan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Kunnoo, yeroo kanaan duubatti ummata Israa'eelii woliin, waadaan ani aseenu akka itti aanee jiru jedha Gooftaan, ani seera kiyya sammuu isaanii keessa ni kaaya, onnee isaanii titti'llee ni barreessa, Waaqa isaanii'llee ni ta'a, isaan'llee ummata kiyya ni ta'an,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
‹Yennaa saniin duuba, kolbaa Israa'elii woliin gondooroon ani gondooru, Seera kiyya qalbii isaanii keessa hin keya; gadhaa isaanii keessalle'etti hin barreessa. Ani isaaniif Waaqa hin te'a; isaanille kolbaa tiyya hin te'an; ta jettu› jedha Goottaan.