Hebrews 8:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akka seeraatitti hayyooti kennansa dhiyeessanu waan jiranuuf, inni adoo lafa tana irra jiraatelle'e hayyuu hin te'uuyyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo sila inni lafa jiraate, qaallu tahu indandau, waan, aada Seera Yahuda gula, qaaloleeni galata baaftu jirtuufi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan qaallotii aadaa seera Yahudii gula galata deebiftu jirtuufii, innii yo silaa lafa irra jiraate, qaalluu tahuu hindanda'u.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni lafa irra uduu jiraatee, akka seeraatitti gadoonni kennaa dhiyeessan waan jiraniif silaa gadicha hin ta'u.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni lafarra uduu jiraatee, akka seeraatitti gadoonni kennaa dhiyeessan waan jiraniif silaa gadicha hin ta'u.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkaataa seeraatiin qeesonni kennaa Mana Waaqaa dhiyeessan waan turaniif inni arddii irra uduu jiraateetii, qeesicha hin ta'u ture,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka seeraatitti hayyooti kennansa dhiyeessanu waan jiranuuf, inni adoo lafa tana irra jiraatelle'e hayyuu hin te'uuyyu.