Hebrews 8:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Dunkaaniin hayyooti keessatti tajaajilanu tun, dunkaanii ol-gubbaa jirtuuf fakkeennaa fi gaaddiddu'u; yennaa Muuseen dunkaanii ijaarsaaf ka'e Waaqi, “Waan mara malaan akkuma fakkeenna gaara irratti sitti mudhiseetitti tolchi!” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hujiini worri aka qaalole hojattu gaandidufi fakeennuma waan gubba jiraati. Musaleeni akuma kana. Gaafa inni diquma waaro ind'aabiini, Waaqi waan jed'eeni, Waan ch'ufa akuma gaara gubbati argite gula tolchi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hujiin warrii akka qaallolee hojjatu gandidduu fi fakkeenuma waan gubbaa jiraatii. Waaqii Musseelleen akkanuma gafa inni diqqumaa waaroo hindhaabiin, “Waan cufa akkuma gaara gubbatti argitte gula tolchi” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daaseen gadoonni keessatti tajaajilan kun daasee samii gubbaa jiruuf fakkeennaa fi gaaddiddu'u; hennaa Muuseen daasee ijaaru'uuf ka'e Rabbi, «Waa maraa malaan akkuma fakkeenna gaara irratti sitti mudhiseetitti uf eeggadhuu huji!» jedheeniiti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dukkaanni gadoonni keessatti tajaajilan kun dukkaanaa samii gubbaa jiruuf fakkeennaaf gaaddiddu'u, hennaa Muuseen dukkaanaa ijaaru'uuf ka'e, Rabbi, «Waa maraa malaan akkuma fakkeenna gaara irratti sitti mudhisetti uf eeggadhuu huji!» jedheeniiti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
qeesonni kunniin dukkaanni isaan itti tajaajilan ta sami'ii jirttuu fakkeennaa fi gaadisa qofa, kun'llee ka ta'e Museen dukkaanattii yeroo hojjatutti Waaqinni, «Gaara irratti akka bifa sitti muldhatee titti waan lamaa ufi eegganna'aan raawwadhu!» jedhee, akkaataa isa ajajeen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dunkaaniin hayyooti keessatti tajaajilanu tun, dunkaanii ol-gubbaa jirtuuf fakkeennaa fi gaaddiddu'u; yennaa Muuseen dunkaanii ijaarsaaf ka'e Waaqi, «Waan mara malaan akkuma fakkeenna gaara irratti sitti mudhiseetitti tolchi!» jedheen.