Hebrews 8:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
‘Gondooroon tun, ta akka yennaa biyya Gibxiitii harka qabee isaan baase, abbootii isaanii woliin gondooreetii moti; waan isaan gondooroo tiyyatti hin jabaatiiniif, anille xiyyeeffannaa isaaniif hin kennine’ jedha Goottaan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aka wold'aqisa anini ababoota worraa woliini tolchetiiniti, gaafa anini worra harka qabe lafa Misiri keesaa baase. Worri wold'aqisa anini worra woliini tolche injabeesine; tanaafi anini waan worraa iyaalle, Tunini dubbi Aabbo Waaqi jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka waldhaqiisa anin abbaboota warraa waliin tolchetiiniti, gaafa anin warra harka qabee lafa Gibxii keessaa baase. Warrii waldhaqiisa anin warra waliin tolche hinjabeessinee, tanaaf anin waan warraa hin yaalle’ Aabboon akkana jedha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Biyya Misiriitii isaan baasu'uuf guyyaan harka isaanii qabe, waadaa akka abboota isaanii woliin galeetii miti. ‹Isaan waan waada kiyya irra hin dhaabanneef, anillee lash isaanitti jedhe› jedha Gooftaan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Biyya Misiriitii isaan baasu'uuf guyyaan harka isaanii qabe, waadaa akka abboota isaanii woliin galeetii miti. ‹Isaan waada kiyya irra waan hin dhaabanneef, anillee lash isaanitti jedhe› jedha Gooftaan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waadaan kun'llee harka isaanii qabee, biyya Gibxiitii yeroo isaan baasetti, waadaa akka abbootii isaanii woliin aseeneetii miti, isaan waadaa kiyyaan waan jabaatanii hin dhaabatiniif, ani'llee shilla isaanitti ni jedhe, jedha Gooftaan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
‹Gondooroon tun, ta akka yennaa biyya Gibxiitii harka qabee isaan baase, abbootii isaanii woliin gondooreetii moti; waan isaan gondooroo tiyyatti hin jabaatiniif, anille xiyyeeffannaa isaaniif hin kennine› jedha Goottaan.