Hebrews 9:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Kiristoos ammoo waan dadansaa dhufaaruuf Hayyicha Guddaa te'ee mudhateera; dunkaaniin inni seene guddo'oo fi guutu'u; dunkaaniin tun ta harka namaatiin hin hujaminii fi ka dadaa tana keessaa hin te'in.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Kristoni ya aka Qaallu Gudda, ka waan dansa lafa tana keesa jiru tahu d'ufe. Waarooni inni keesa hojatu waaro taani ira guddo, ammalle ira dansa. Nami imid'aasine, akasi jechaani waan lafa tana keesati uumaniiniti jechu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo Kiristoon la akka qaalluu guddaa, ka waan dansaa lafa tana keessa jiraa cufa ta'ee dhufe. Waaroon innii keessa hojjatu waaroo taan irra guddoo, ammallee irra dansaa. Namii hinmidhaasine, akkas jechuun waan lafa keessatti uumaniiniti jechu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo Kiristoos waan mishaa dhufu'uuf ta'an sanniinii gadicha hayyicha guddaa ta'ee mudhateera; daaseen inni seene guddo'oo fi ta mudaa hin qabne; daaseen tun ta harki namaa hin hojjannee fi ta uumama adunyaa tanaa hin taaneeti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo Kiristoos waan mishaa dhufu'uuf ta'u saniif hayyicha gadootaa ta'ee, ta caaltuuf michuu harkaanillee hin hojjatamne jechuun dukkaanaa uumama kanaaf hin taane,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu Kristos dhufaatii irra wonittoota mishaa jiraniif itti gaafatamaa qeesotaa ta'ee mulidhatee jira, dukkaaniin inni itti gale'llee guddo'oo fi muda maleetti'i, dukkaanattiin tun'llee ta harka namaa titti hin hojjataminii fi ta uumaa kana irraa hin ta'in.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kiristoos ammoo waan dadansaa dhufaaruuf Hayyicha Guddaa te'ee mudhateera; dunkaaniin inni seene guddo'oo fi guutu'u; dunkaaniin tun ta harka namaatiin hin hujaminii fi ta dada tana keessaa hin te'in.