Hebrews 9:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Worri waamamane dhaala bara baraa ka waadaan galameef akka fudhatanu, Kiristoos Gondooroo Haareyaaf wodhakkicha. Yennaa Gondooroo duraa jala jiranu san cubbuu hujane irraa bilisa baasiisaaf wodoo te'ee du'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro waan kanatifi Kristoni nama wold'aqisa haraa kurfeesu tahe, aka worri Waaqi yaame eeba hegeri ta Waaqi kakhate argatu. Wonti woni kuni taatuufi, maro duisi jiruufi ka wollaala wold'aqisa qara jalati tolchani, keesaa nama baasu jiruufi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mar. roo waan kanaatiif Kiristoon nama waldhaqiisa haaraa qopheessu taahe, akka warrii Waaqii yaame eebba bara baraa ta Waaqii kakate argatu. Wantii wannii kun taatuuf, marroo dooti yesus kiristoo ka wallaala waldhaqisa qara jalaatti tolchan, keessaa nama baasu jiruuf.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu worri waamaman abdii dhaala bara baraa kennameef san akka argataniif Kiristoos jiddu galeessa waadaa haarawaa ta'e.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaafuu worri waamaman abdii dhaala bara baraa kennameef san akka argataniif Kiristoos jiddu-galeessa waadaa haarawaa ta'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Sunniin ka waamaman qabiyyee bara baraa ka Waaqinni abddi'iin kenne akka fudhataniif, Kristos waadaa haarawaaf wolii galchaa jiddu'uu ta'ee jira, kun'llee ka ta'e namoonni waadaa jalqaba jala ta'anii cubbuu hojjatan irraa fayyisu'uuf, inni du'uu isaatiin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri waamamane dhaala bara baraa ka waadaan galameef akka fudhatanu, Kiristoos Gondooroo Haareyaaf wodhakkicha. Yennaa Gondooroo duraa jala jiranu san cubbuu hujane irraa bilisa baasiisaaf wodoo te'ee du'e.