Hebrews 9:25 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Hayyichi guddichi Yihudootaa dhiiga ka isaa hin te'in qabatee, wogguma wogga'aan addee woyyittii Woyyoota seenaa ture; Kiristoos ammoo yennaa hedduu woreega godhee ifi dhikeessiisaaf hin seenne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qaallichi Guddaani ka Yahudi ganna ch'ufa d'iiga horitiini Fulla Qulqullo seena. Ammo Kristoni maro heddu ufi baasu achi inseenne;
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Qaallu guddaan Yihudii ganna cufa dhiiga horiitiin fulaa qulqulloo seena, Kiristoon ammoo marroo hedduu ufi baasu achi hinseene;
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka hayyoonni gadootaa dhiiga ufii uduu hin taane dhiiga biraa qabatee woggaa wogga'aan gara woyyittii woyyootaa seenu, inni hennaa hedduu uf dhiyeessu'uuf hin seenne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akka hayyoonni gadootaa dhiiga ufii uduu hin taane, dhiiga biraa qabatee woggaa wogga'aan gara woyyitti woyyootaa seenu, inni hennaa hedduu uf dhiyeessu'uuf hin seenne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti gaafatamaan qeesota worra Yihudotaa dhiiga isaa ka hin ta'in qabatee, woggamaan gara bakka Qulqullittii Qulqulluuwwanii ni aseena ture, Kristos garuu mataa isaa yeroo baayi'ee kitimaa taasisee, dhiyeessu'uuf hin aseenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hayyichi guddichi Yihudootaa dhiiga ka isaa hin te'in qabatee, wogguma wogga'aan addee woyyittii Woyyoota seenaa ture; Kiristoos ammoo yennaa hedduu woreega godhee ifi dhikeessiisaaf hin seenne.