Hebrews 9:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achi keessa addeen ciinca'aa, ta worqi'iin hujantee hixaanni irratti aarfamuu fi saanduqi gondooro'oo ka worqi'iin gonfameeru jiran; saanduqa gondooro'oo kana keessa okkoteen worqi'iin hujanteertu ta sagaleen mannaa jedhantu keessa jirtu, uleen Aaroonii ta lattee fi dhakaan baxxichi lamaan ka ajaji kudhan irratti barreeffame jiran.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isi keesa fulla hit'aana iti aarsani ta worqiini mid'aasaniifi Sanduqa Wold'aqisa, ka Waaqa, ka worqi dibaniti jira. Sanduqi kaani eele worqi ta sagale manna jed'ani qabduufi ule Haruni, ta baala baaftefi d'akha lama ka dubbi wold'aqisa irati t'aafisa qabdu qaba.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isii keessa fulaa hixaana itti aarsan ta warqiin midhaasanii fi sanduuqa waldhaqisa Waaqaa, ka warqiin maranitti jira. Sanduqii kaan buduunuu warqii ta sagalee maannaa jedhan qabduu fi bokkuu Aaron, ka baala baasee fi dhakaa lama ka dubbiin waldhaqisaa irratti barreessaan qabdu qaba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achi keessa girgiraan worqi'ii, Saanduuqa waada'aa ka worqi'iin dibame; Saanduuqa waada'aa kana keessa masoobii worqi'ii ta nyaanni sami'ii keessa jiru, ulee Aaroonii ta margitee fi dhagaa baxxicha waadaa Rabbii ka seerri kudhanii irratti barreeffametu jira.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achi keessa girgiraan worqi'ii, Saanduqa waada'aa ka worqi'iin dibame, Saanduqa waada'aa kana keessa masoobii worqi'ii ta nyaanni sami'ii keessa jiru, ulee Aaroonii ta margitee fi dhagaa baxxicha waadaa Rabbii ka seerri kudhanii irratti barreeffametu jira.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kutattii kana keessa'llee girgiraan worqqi'iitii fi taabonni waada'aa ka worqqi'iin ka dibaman ni jiran turan, taabotattii waada'aa kana keessa'llee mannaan ka keessa jiru masoobiin worqqi'ii, lalifttuu ka turtte uleen Aarooniitii fi gabateen ajajoonni kudhanii irratti barreeffaman'llee ni jiran turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achi keessa addeen ciinca'aa, ta worqi'iin hujantee hixaanni irratti aarfamuu fi Saanduqi Gondooro'oo ka worqi'iin gonfameeru jiran; Saanduqa Gondooro'oo tana keessa okkoteen worqi'iin hujanteertu ta sagaleen mannaa jedhantu keessa jirtu, uleen Aaronii ta lattee fi dhakaan baxxichi lamaan ka ajaji kudhan irratti barreeffame jiran.