Hebrews 9:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Saanduqa Gondooro'oo irra Kiruubeliin ulfinnaa, ta qadaaddaa addee araarri cubbu'uu kennamuu, koola ifiitiin golliteertu jirti; amma ammoo marroo waan kana maraa tokko tokkoon dubbatiisaaf hin dandeennu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Sanduqa gubba fakeenna waan lubbu qabaati ka aka Waaqi achi jiru garsiiftuti jira, ta koola ufi fulla daba namaa araaramaniti balliftu. Ammo yoi waan ch'ufa diideesani himani, ammaniti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Sanduuqa gubbaa ergamtu gubbaa lamatti ta koola ufii fulaa cubbuu araaramanitti balliftuutti jira. Ammoo yo'i waan kana cufa diidessanii himan ammaaniti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Saanduuqa waada'aa irra waan cubbuu balleessu golga ulfinna kiruubeeliititu ture. Waan kana maraa tokko tokko isaaniitiif amma dubbachuu hin dandeennu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Saanduqa kaku'uu irra waan cubbuu balleessu golga ulfinna kiruubeeliititu ture. Waan kana maraa tokko tokko isaaniitiif amma dubbachuu hin dandeennu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Taabotattii irra'llee ka jiru kurreen cubbu'uun dhiisisu'uu koola isaaniitiin ka golgan kiruubeeliin ulfinnaa ni jiran turan, garuu waayee wonittoota kanniin maraatiif amma waan maraa tartiibaan dubbachu'uuf, hin dandeennu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Saanduqa Gondooro'oo irra dadi ol-gubba'aa ta koola qaddu ta ulfinnaa, ta qadaaddaa addee araarri cubbu'uu kennamuu, koola ifiitiin golliteertu jirti; amma ammoo marroo waan kana maraa tokko tokkoon dubbatiisaaf hin dandeennu.