Hebrews 9:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Kolloo gara boro'oo Hayyicha Guddaa calla'atti seena; innille wogga'atti yennaa tokko callaa seena; inni cubbuu ifiitii fi cubbuu kolbaan wollaalaan huje maraaf, dhiiga dhikeessu adoo hin qabatin hin seenu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ammo qaallu gudda ch'allati Waaro gaara keesa keesa seena, ammalle waan kana ganna keesati maro toko ch'alla tolcha. Qaalluuni kaani d'iiga fuud'e, aka maro ufitiifi, maro worra ato imbeekhiini daba tolcheefi, jed'e Waaqaa baasa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
ammoo qaalluu guddaa callaatti waarroo gara boroo keessa waggaatti yo tokko callaa seena. Innii cubbuu isaa fi gochii isaalleen adoo hinbeekin hojjatee sooriyoo baasuuf dhiiga baatee olseena.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gara gola lammeesso'oo ammo hayyichi gadootaa hojja ufii woggaa keessa hennaa tokko callaa seena. Innillee dhiiga waan ufiitii fi waan balleessaa bani'iitiif dhiyeessu uduu hin qabanne hin seenu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gara gola lammaffa'aa ammoo hayyichi gadootaa hojja ufii woggaa keessa hennaa tokko callaa seena. Innillee dhiiga waan ufiitiif waan balleessaa bani'iitiif dhiyeessu uduu hin qabanne hin seenu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gara kutaa lammaffaa ta keessaa ka aseenu garuu itti gaafatamaa qeesotaa qofa, ka aseenu'llee wogga'atti guyyaa tokko qofa, inni'llee waayee cubbuu mataa isaatii fi waayee cubbuu ummanni uduu hin beekin raawwateetiif dhiiga dhiyeessu uduu hin qabatin hin aseenu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolloo gara boro'oo Hayyicha Guddaa calla'atti seena; innille wogga'atti yennaa tokko callaa seena; inni cubbuu ifiitii fi cubbuu kolbaan wollaalaan huje maraaf, dhiiga dhikeessu adoo hin qabatin hin seenu.