Hosea 10:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
had'iisi lafa teesaniti d'ufe maneeni teesani jajabdu ch'ufa balleesa. Guyyaani gaafasi aka gaafa guyya hayyu Shalmaniini dira Betharbeli had'e balleese haawaanifi ilmaani tume bulleese akasi taha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Banii keessan irratti lola gudda'atu dhufa; kusheen keessan maruu hin diiggaman; hennaan kun akka hennaa mootichi Sheelmaan qachaa Beeta'aarbeelii akkuma lolaan diigee fi haawwotallee ijoollee isaanii woliin lafa irratti jissee fixee ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
akkuma mootichi Shalmaan guyyaa lolaa qachaa Bet-Arbelii balleesse, haadha ijoollee isi'ii woliin lafa irratti macalaasee, lolli kolbaa teeti irratti hin ka'a; kusheen teessan martille hin baddi.