Hosea 10:5 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri dira Samaria keesa tau sodaate, badi korma worqi ka Bethaveni jiru jed'e boha. Worraafi qaaloleeni korma suni hojattuleeni badi suni iraa booti, hojja korma suni waan isaani ch'okhani kaani iraa baasani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin qachaa Samaariyaa keessa jiraatan waaqa tolfamaa fakii waatiyyo'ootiin hojjatame ka Beeti'aaweeniin keessa jiruu guddisanii sodaatanii hollatan; ulfinni isaanii waan isaan irraa mulqameef baniin hin booyan; gadoonni waaqa tolfama'aallee mararamanii iyyan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri qachaa Samaariya'aa keessa le'u waaqa dharaa ka jabbii fakkaatu ka Bet-Aweenii hin sodaatan; isaafille hin bowan. Waaqi dharaa ka isaan ulfinna isaatiif firinxiixanu waan isaan duraa booji'ameef, hayyooti isaa, isaaf wiiccifatanee hin bowan.