Hosea 10:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Fulla worri Israeli wollaala tolche fiit'e gaara irati waaqoota d'ara kad'atu, ta dira Aveni keesa, imballeesani. Qoraatifi doobiini fulla worri sorio irati baasu irati baati. Worri ufi jibbaate gaareeniini, Nu d'ossa jed'e, kubileeni, Nura jiga jed'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Huleen gugurdaan waaqolee tolfamaa itti waaqeffata'aa baniin Israa'elii cubbuu irratti hojjatan ka qachaa Aweerii jedhamu keessa jiran hin diiggaman; hulee ciinca'aa ka isaanii irratti qore'ee fi qummuuddu'utu baya; hennaa san baniin gaarraniin, «Nu dhossaa'a!» tullootaanillee «Nu golgaa'a!» jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Addeen waaqonfanna'aa ta Bet-Aweenii, addeen Israa'el waaqota dharaa waaqonfatiisaan cubbuu itti hujju hin baddi; addee ciinca'aa ta isaanii san irratti qore'ee fi qumi'uuduun lattee hin golliti. Achiin duuba isaan gaarotaan, «Nu golla'a», koobotalle'een, «Nu irratti jiga'a» hin jedhan.